Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti abbootii warra sababa hongeen qabeenyasaanii dhaban 297’f re’oonni 652 kennaman

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Godina Booranaa Aanaa Dilloo ganda Arbaleetti abbootii warra sababa hongeen qabeenyasaanii dhaban 297’f sirna Buusaa Gonofaatiin re’oonni 652 kenname.

Gandichatti hawaasni aadaa wal gargaarsaa Buusaa Gonofaatiin, abbootii warraa 297 sababa hongeen qabeenya isaanii dhabaniif  re’oota 652 kennuu  Waajjirri Buusaa Gonofaa Aanichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan Waajjiira Buusaa Gonofaa Aanichaa Obbo Roobaa Dabbasoon, sosochii Buusaa Gonofaatiin hojii hojjetamaa tureen bu’aan qabatamaa muldhachuu ibsaniiru.

Hojiin nomoota qabeenya isaanii dhabaniif deeggarsa taasisuu itti fufiinsaan gandoota aanichaa hunda keessatti kan hojjetamu ta’uu bulchaan aanichaa obbo Muusaa Huqqaa eeruu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.