Fana: At a Speed of Life!

Godina Buunnoo Beddeellee fi Harargee Lixaatti hiriirri deeggarsaa injifannoo Bitooteessa 24 gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Godina Buunnoo Beddellee fi Harargee Lixaattti Hiriirri deeggarsaa Injifannoo Bitootessa 24 mata duree ”Nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina” jedhuun gaggeeffameera.
Qamoleen hawaasaa Godina Buunnoo Beddellee guyyaa injifannoo bitootessa 24 sababeeffachuun hiriira deeggarsaa Magaalaa Beddelleetti bahanii jiru.
Hiriira kanarrattis dhaadannoowwan “nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina, injifannoo arganne tikfachaa kan hafeef waloon hojjenna, Itiyoophiyaa cimtuu obbolummaa sabdaneessaan ijaarra, qormaanni badhaadhinarraa duubatti nu hin deebisu jechuun hirmaatan.
Sadarkaa Godina Harargee Lixaattis hiriirri deeggersaafi guyyaa injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun kutaalee Hawaasaa godinichaa hunda hirmaachise Bulchiinsa Magaalaa Hirnaatti geggeeffameera.
Jiraattonni Godina Harargee Lixaa Aanaaleefi bulchiinsa Magaalootaa hundinuu guyyaa injifannoo Bitoteessa 24 sababeeffachuun dhaadannoo “injifannoo Arganne tikfachaa kan hafeef Waloon ni hojjanna jedhuun hiriira deeggarsaa guddaa xiiqiin guutamee Bulchiinsa Magaalaa Hirnaatti gaggeessuu ragaan kominikeeshinii godinaalee kanneenirraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.