Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti rooba cimaa roobeen abbootiin warraa 130 buqqa’aan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti rooba cimaa roobeen lagni Mormoraa guutuun abbootii warraa 130 buqqa’aaniiru.

Manneen jireenyaa fi ooyiruurras balaa qaqqabeera.

Maatii kuma 1 fi 320 qa’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Hooggansa Sodaa Balaa godina Gujii obbo Tasfaayee Gammachuu sababa balaa lolaa kanaan lammiilee miidhaman deeggaruuf gareen 2 ijaaramee deeggarsa midhaan nyaataa fi uffataa taasisa jira jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.