Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Lixaatti biqiltuuwwan bunaa dhibee dandamatan miiliyoonni 27 ol dhaabbiif qophaa’u ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)-Biqiltuuwwan bunaa dhibee dandamatan miiliyoonni 27 ol dhaabbiif qophaa’uu waajjiirri Bunaa ,Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Gujii Lixaa beeksisera.

Qonnaan bultoonni aanaa Abbayyaa lafa yeroo bonaa buna dulloomaa buqqifneetti biqiltuuwwan buna dhibee dandamatan dhaabuuf qophiirra jiraachuu ibsameera

Biqiltuuwwa bunaa bara darbee akkaataa gorsa ogeeyyii qonnaatiin dhaabanis haala gaarii irra jiraachuus dubbatan.

Akka gabaasa OBNtti waajjira Qonna fi qabeenya uumamaa aanaa Abbayyaatti dursaa Garee Misoomaa fi Qulqullina Bunaa obbo Andaargaachoo Baqqalaa bara kana biqiltuuwwan bunaa dhibee dandamatan miiliyoonni 2 fi kumni 500 qaamolee addaa addaatiin qophaa’ee dhaabbif rooba gahaa eeggachaa jira jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.