Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’atame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’atamuu Poolisiin godinichaa beeksiise.
Aanaa Amuruu keellaa sakattoo Agamsaatti Kilaash Kooviin 3, Shugguxiiwwan Turkii 16 fi raasaasni garaagaraa kumni 5 fi 855 to’atamuu ogeessii kutaa odeeffannoo Qajeelcha Poolisi godinichaa Saajiin Olaanaa Takluun ibsaniiru.
Sakattoo Poolisii idilee fi Humna addaan taasiisfameen meeshaalee kanneen to’achuun danda’amu ibsaniiru.
Namoonni daddabarsa meeshaalee seeraa alaa kanaan shakkaman 4 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.