Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa hoospitaala Saqqaatti haati tokko daa’ima miila afuur qabu deesse

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) –  Godina Jimmaa hoospitaala Saqqaatti haati tokko daa’ima miila afuur qabu nagaan deesse.

Jiraattu magaalaa Finfinnee kan taate Gannat Fissahaa da’umsaaf maatii ishee bira gara Godina Jimmaa aanaa Shabee kan imalte.

Kamisa darbe Amajjii 21, 2012  ciniinsuun itti cimuun gara hoospitaala Saqqaa kan deemte.

Deeggarsa ogeessoonni hoospitaalichaa taasisaniin daa’ima miila afuur qabu nagaan da’uushee hojii gaggeessaa hospitaalichaa obbo Adaanee Deesisaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Ogeeyyii fayyaa Haatii kun nagaan akka deessuuf deeggarsa taasisaa turan keessaa Wandimmuu lammaa daa’imni dhiira qomaa ol qaama namaa kan hin qabne daa’ima durbaa qaama namaa guutuu qabdu waliin walitti qabachuun dhalachuu dubbateera.

Daa’imni kun fayyaan isaa sadrkaa gaarirra jiraachuun ogeeyyiin fayyaan himaniiru.

Deeggarsa dabalataaf gara giddugala fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaatti erganiiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.