Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaa aanaalee Warra Jaarsoo fi Hidhabuu Abooteetti tarkaanfiin shaneerratti fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa aanaalee Warra Jaarsoo fi Hidhabuu Abooteetti tarkaanfiin shaneerratti fudhatamuu Raayyaan Ittisaa beeksiise.
Aanaalee kannen keessa hidhattoonni shanee bal’inaan socho’uun hawaasa dararaa turuu fi yeroo ammaa tarkaanfii fudhatameen nageenyi waaraa bu’uu ibsameera.
Tarkaanfiin hawaasa hirmaachise fudhatameen injifannoo boonsaan galmaa’uu qindeessaan qaamolee nageenyaa fi ajajaan olaanaan kutaa waraanaa Komaandoo Leetanaan Kolooneel Taaheel Reed ibsaniiru.
Duula hanga ammaatti gaggeeffameen miseensota 44 irratti tarkaanfiin fudhatamuu, 5 booji’amuu fi meeshaaleen waraanaa garaagaraa 18 qabamuu, akkasumas midhaan nyaataa garichi itti fayyadamaa ture kuntaalli 19 to’atamuu ibsaniiru.
Namoonni 233 karaa nagaan harka laachuu isaanii ajajichi ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’is.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.