Fana: At a Speed of Life!

Godinni Baalee godinaalee lamatti akka gurmaa’u kaabineen mootummaa naannoo Oromiyaa murteesse

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Kaabineen mootummaa naannoo Oromiyaa walga’iisaa gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse.
 
Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 5ffaa har’a Muddee 21,2012 geggeessen murteewwan dabarseera.
 
Haaluma kanaan godinni Baalee godinaalee lamatti akka gurmaa’u murteessera.
 
Rakkoo bu’uura misoomaa fi addaan fageenya jiru irraan kan ka’e rakkoo tajaajila saffisaa dhiyeenyatti argachuun walqabatee gaaffii bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf tureef qorannoo karaa Biiroo Pablik Sarvisii Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’ateen booda godinni Baalee, godina Baalee Lixaa fi Baalee Bahaa ta’ee iddoo lamatti akka gurmaa’u sagalee guutuun murteessera.
 
Baalen Lixaa Roobee, Baalen Bahaa ammoo Ginniir teessoo godinaa akka ta’an yaadni murtoo qorannoon dhiyaates mirkanaa’era.
 
Gama biraatin manni marichaa walga’ii geggeessen wixinee labsii bulchiinsa hojiiwwan misooma albuudaa Oromiyaa fooyyessuuf dhiyaatee fi wixinee labsii fandii daandiiwwan naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’e irratti mari’atee Caffee Oromiyaaf akka dhiyaatu murteessera.
 
Gama biraatin walgahii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa gaafa Muddee 17, 2012 geggeeffameen wixineen labsii fandii daandiiwwan naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’ee fi wixinee labsii hojiiwwan misooma albuudaa murteessuuf qophaa’e irratti mari’atee yaadonni fooyya’iinsaa dhiyaatan itti dabalamanii Caffee Oromiyaaf akka dhiyaatu sagalee guutuun mirkaneessera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.