Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa sadarkaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti seektaraalee Mootummaa Adda addaatti kabajameera

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) -Guyyaan Alaabaa sadarkaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti seektaraalee Mootummaa Adda addaatti kabajameera.

Sirna kabaja guyyaa Alaabaa Mooraa Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti kabajame kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Baalchaa “Alaabaan mallattoo bilisummaa biyya tokkooti” jedhan.

Alaabaan warra kaan waliin qixa ta’uufi walitti dhufeenya keenya kan ittiin mul’ifnudha jedhaas jedhan.

Guyyaa alaabaa yeroo kabajnu hojiiwwan irratti bobbaane hunda keessatti ciminee hojjecuun guyyaa waadaa keenya itti haaromsinuufi karoora mootummaan badhaadhina maatii fiixaan baasuuf itti hojjetaa jiru waan ta’eef milkaa’ina karoorichaatiif yeroo itti hojjennee mootummaa cinaa hiriirrudha jedhaniiru.

Hojiiwwan kallattii addaddaatiin raawwanne eeggachaa dhaloota egereef badhaadhina dhaalchisuuf hundi keenya yaa tumsinu jedhaniiru

Hoggantoonniifi hojjettoonni Mootummaa sirana argaman biyya isaaniitiif waadaa armaan gadii kanas galaniiru.

Nuti Ityoophiyaanonni; “Hiyyummaa fi duubatti hafummaa dhabamsiisuun,Ityoophiyaa keenya daandii dimookiraasii fi misoomaa keessatti fayyadamummaa ummattootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuun, imala jijjiiramaa eeggalle sadarkaa boodatti hindeebine irraan gahuuf, rakkoolee yeroo yeroon nu muudatan maqsuun.

Miira tokkummaatiin waliin dhaabbannee, hojiilee misoomaafi bulchiinsa gaarii waggaa waggaan mootummaan xiyyeeffannoo argatanii karoorfaman galmaan gahuun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Alaabaa keenya fuulduratti waadaa galla!” jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.