Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qulqullinaa idil addunyaa Finfinneetti duula sosochii qulqullinaan kabajama jira

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC)- Guyyaan qulqullinaa idil addunyaa magaalaa Finfinneetti duula sosochii qulqullinaan kabajama jira.

Sagantaan qulqullinaa kun barii sa’aati 12 irraa eegalee dhaabbilee mootummaa, manneen barnootaa fi dhaabbilee amantaatti gaggeeffamera.

Sagnticharratti itti aantuu kantiiba magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantonni hojii olaanoo bulchiinsa magaalicha hirmaataniiru.

Aadde Adaanach guyyaa har’a jiraattonni magaalaa Finfinnee miiliyoonni 1 ol ta’aan hawaasa idil addunyaatti dabalamuun naannoo fi magaalaa keenya qulqulleessineerra jedhan.

Guyyaa har’as manneen barnoota qulqulleessuu fi keemikaalli farra ilbiisotaa biifameera jedha.

Bara darbe namoota qulqullina magaalatti irratti hirmatan galateeffataniiru.

Har’a irraa eegaluun hundi keenya wal gargaaruu fi humna tokkoon Finfinnee akka maqaashee kabaja ishee madaaluu duula qulqullinaa irratti haa bobbaanu jechuun waamicha dabarsaniiru.

Duula qulqulliina har’aan naannoo raawwii gaarii qabaniif beekamtiin akka laatamuufis aadde Adaanach dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.