Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan sabaa fi sablammootaa boruu Jigjigaatti ni kabajama

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Guyyaan sabaa fi sablammootaa guyyaa boruu bakka bakka buutoonni naannoo argamanitti Jigjigaatti kan kabajamu ta’uu ibsameera.
Kabaja guyyaa sabaa fi sablammootaa Sadaasa 29 kabajamu ilaalchisee hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominiikeeshinii mootummaa naannoo Soomaalee obbo Alii Badal ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin guyyaan sabaa fi sablammootaa kun akka biyyaatti yeroo 15ffaaf magaalaa Jigjigaatti kan kabajamu ta’uu eeruun, guyyaan kun guyyaa walqixummaan sabaa fi sablammootaa itti mirkanaa’e ta’uu isaan haala hoo’ina qabuun kabajama jedhan.
Ayyaanichi akka biyyatti sadaasa 29 waggaa waggaan kan kabajamu ta’uu himuun, bara kana naannoo Soomaaleetti Sadaasa 17 bakka aanga’oonni naannoolee garaagaraa bakka bu’an argamanitti ni kabajama jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.