Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan wareegamtootaa Gurraandhalli 12 Finfinneetti kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Guyyaan wareegamtootaa Gurraandhalli 12 Finfinneetti kabajame.

Waggaa 83ffaan guyyaa wareegamtootaa siidaa yaadannoo wareegamtootaa 6 Kiilootti argamutti kabajameera.

Sirnicharratti jiraattonni magaalaa Finfinnee fi gootonni durii argamaniiru.

Maarch baandiin Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa qophii isaanii dhiyeessaniiru.

Preezdaantiin gootota durii Daani’eel Jooteen weerartuun Xaaliyaanii Graaziyaanidhaan duurfamu waggaa 83n har’aa Ityoophiyaanota kuma 30 cubbuudhan ajjeesera jedhaniiru.

Dhaloonni har’aa guyyicha yammuu yaadatu biyya gootonni aarsaa kaffalanii tursan guddisuu fi maqaashii haaromsuun eeguu akka qabu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.