Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa raayyaa ittisa biyyaa Izii kaabaarratti raawwatameen miseensi raayyaa ittisaa miidhaman fayyummaa gaarirra jiru jedhame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC)-Hooggansi Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota haleellaa Izii kaabaarratti raawwatameen miseensa raayyaa ittisa biyyaa miidhaman Finfinneetti Hospitaalaa Xoor Haayloochitti argamuun daawwataniiru.
Ministeerichi raayyaa ittisa biyyaa miidhaan irraa ga’ee hospitaala jiraniif kennaa ayyaana Qillee laateera.
Ministir deettaan ministeericha aadde Hiywoot Haayiluu, daawwannaa isaaniitin raayyaan ittisa miidhaan irraa ga’ee fayyummaa gaarirra jiraachuu ibsaniiru.
Hospitaalli Xoor Haaylooch weerara vaayrasii koroonaa ittisuun tajaajiila laachuu fi miseensa raayyaa ittisaaf hordoffiin wallaa’ansa haala gaariin laatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministeerichi dubartoota miseensa raayyaa ittisa biyyaa dhaabbiin deeggaruuf qaamolee garaagaraa waliin mari’achaa jiraachuu himameera.
Raayyaa ittisa biyyaatti daayreektarri dhimma dubartoota Mejeer Jeneraal Xuruyyee Asaffaa, deeggarsichi miseensa raayyaa ittisaaf haamilee fi dirqamaa caaluuf kan kakasuu akka ta’e himaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.