Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti oomishni lafa heektara miiliyoona 3 irraa walitti qabamuu Biirichi ibse

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Qonna Gannaatiin oomisha gahe hektaara miiliyoona 3.5 keessaa hektaarri miliyoonni 3 walitti qabamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsan.

Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xijjootti oomishi qamadii Gannaa Kombaayinaraan walitti qabamaa jiru daawwatameera.

Daawwannichaarrati, qonna Gannaatiin lafa hektaara miliyoona 6.5 misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 218 oli argachuuf karoorfameera jedhan Obbo Geetuun.

Hanga ammaatti oomisha hektaara miiliyoona 3.5 keessaa hektaara miiliyoona 3 irraa omishni walitti qabamuu kaasaniiru.

Oomisha tekinooloojiidhaan walitti qabuun qisaasama hambisuun oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Oomishni hafes akkuma ga’een qisaasama malee akka walitti qabamu Obbo Geetuun ibsuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.