Fana: At a Speed of Life!

Haqa qabeessummaa filannoo baranaatif hunduu tumsuu qaba- miseensota Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC)- Haqa qabeessummaa fi demokraasummaa filannoo bara 2012 gaggeeffamuuf qaamni hundi itti gafatamasaa ba’uu qaba jedhan miseensonni Caffee Oromiyaa.

Miseensonni Caffichaa turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin milkii filannoo biyyoolessaa yeroo 6ffaaf gaggeeffamuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.

Ga’umsaa fi naamusaan dorgomuudhan, filannichi naga qabeessa, demokraatawaa fi amanamaa gochuuf ummata, dhaabbilee siiviilii fi paartileen siyaasaa tumsuu qabu jedhaniiru.

Rakkoolee nageenyaa iddoowwan tokko tokkotti muul’atan filannoo baranaatti gufuu akka hin taane, qooda fudhattoonni marti waltumsuu qabu jedhaniiru.

Miseensa caffichaa kan ta’an obbo Shaafii Huseen filattoota dabalatee adeemsi filannoo bara kanaa of eeggannoo oolaanaa fi itti gafatamummaan gaggeeffamuu qaba jedhu.

Miidiyaalee, gamtaawwan siivilii fi paartileen siyaasaa bilisummaadhan socho’uu qabu jedhaniiru.

Obbo Waaqoo Sintaayyoon gama isaanitiin, paartileen siyaasaa yaada biyya ceesisu irratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru.

Afawarq Alamuutuu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.