Fana: At a Speed of Life!

Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’ootti rooba cimaa rooben, lafti sigigaachuun lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’ootti rooba cimaa rooben, lafti sigigaachuun lubbuun namoota 7 darbe.

Balichi kan qaqqabe araddaa Tokkummaa Jaalalaa ganda Kabiraa keessatti.

Balichi kan mudate rooba cimaa walitti fufiinsan sa’aa 7f rooben ta’uu Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenya godinichaa beeksiseera.

Rooba cimaa roobenis galaana uumameen gaarren namarratti jijjiguudhan maatii warra tokkoo keessaa namni 6, warra ollaa irraa ammoo namni 1 mana keessa rafaa osoo jiranii halkan keessaa sa’aatii 8:30 irraatti bakka tokkotti lubbuun isaanii darbeera.

Lubbuu namaa darbeen ala, qabeenyi maatichaa midhaan dabalatee miidhameera.

Beeyladoonni mana keessa turanis lubbuun isaanii darbeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.