Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa tumsa gaariidha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa tumsa gaariidha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa tumsa Afrikaa Chaayinaaf gaarii ta’uu himaniiru.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii gaaffii fi deebii Shiiniwaa waliin taasisaanin hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggoota 50f akk ture kaasaniiru.

Kanaanis, hariiroon biyyoota lameenii tumsa Afrikaa Chaayinaaf fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii bara Faranjootaa 20 eegalee damee garagaraan ta’aa kan ture guddachaa dhufuu himaniiru.

Fooramii Tumsa Chaayinaa –Afrikaatti hariiroon biyyoota lameenii diingdeen, siyaasaan, nageenyaa, ce’umsa teeknooloojiin , ijaarsa dandeettiin guddachuu eeraniiru.

Mootummoota Gamtoomanitti gabaasni daladalaa fi misoomaaakka ibsutti Chaayinaan bara Faranjootaa 2019 Ityoophiyaatti madda invastimantii kallaattii alaa guddaa taatee kan itti fufte yoo ta’u, gaanfa Afrikaarraa proojaktoota haaraa fudhatama argatan keessaa 60 % qabaachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen weerarri vaayrasii koroonaa sodaan fayyaa mudatullee, hariiroo tumsa biyyoota lameenii damee fayyaan fooyyeessu himaniiru.

Ityoophiyaa fi Chaayinaan bara kanaa waloon fooramii kan qopheessaan yoo ta’u, fooramichi haariiroo biyyoota lameenii durtaan ture caalumatti cimsuuf kan fayyadu ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.