Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon gam-lamee Ityoophiyaafi Sudaan fooyya’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015(FBC)- Hariiroon gam-lamee Ityoophiyaafi Sudaan akka fooyya’uuf hojiileen dippiloomaasii bu’aa qabeessi hojjetamuu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaarratti gabaasa hin malle wayita baasu akkasumas Ijipt Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa ilaalchisee Mana Maree Nageenyaaf iyyannoo wayita dhiyeessitutti Sudaan Ityoophiyaa dhaabbachuu ibsameera.

Kunis hariiroon biyyoota lameenii fooyya’uu isaaf agarsiistuu ta’uu ministeerichi gabaasa raawwii hojiilee baatiiwwan ja’an darbanii dhiyeesseen eereera.

Ityoophiyaan hariiroo gam-lameefi dippiloomaasii biyyoota olla waliin qabdu cimsuuf sadarkaa hoggantootaafi Ministiroota Dhimma Alaan sagantaalee daawwannaa, walga’iiwwan Komishinii waloofi mariiwwan siyaasaa gaggeessuu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.