Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni bulchiinsa magaalaa Sabbataa hawaasa godina Gujii Lixaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Hawaasni bulchiinsa magaalaa Sabbataa hawaasa aanaalee gammoojjii godina Gujii Lixaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 9tti shallagamu kuntaala kuma 3 fi 380 taasisan.

Uummanni Oromoo godinaalee garaagaraa uummata  Gujii Lixaatti hongeen miidhaman baraaruuf tattaaffiin taasisaa jiran jajjabeessaa ta’uu bulchaan godinichaa Obbo Jambaruu Abbabaa dubbataniiru.

Qaamolee Hawaasaa garaagaraa magaalaa Sabbataa deeggarsicha taasisan galateeffachuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.