Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Godina Harargee Lixaa Birrii miiliyoona 1.755 fi sangoota 23 mana barumsaaf arjooman

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC) – Hawaasni Godina Harargee Lixaa aanaa Gammachiis Mana Barumsaa Barkumee Sadarkaa 2ffaatiif kan ooluu fi ijaarsa daree dabalataaf Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 7 fi kuma 55 fi sangoota 23 arjoomaniiru.
Hawaasa Aanichaa hirmaannaa keenya dabaaluu qabna jechuun sangoota 23 fi maallaqa callaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 7 fi kuma 55 deeggarsa taasisaniiru jedhame.
Itti Aantuun Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aaddee Ekiraam Xahaan hawaasa deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.
Misoomni misoomaa caalu sammuu nama misoomsudha jedhaniiru.
Hawaasni aanaa gammachiis hojii misoomaa mootummaan gaggeessu cinaatti hirmaannaan taasiisan imala eegalame milkeessuuf shoora olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Baroonta Godina Harargee Lixaa obbo Awwal Abdallaa ibsaniiru.
Arjooma argame yeroo gabaabaa keessatti hojitti jijjiiruun imaannaa guddaa ummanni nutti laate galmaan ni geenya jedhan bulchaan aanaa Gammachiis obbo Nagaash Tolosaan.
Kenna Tajaajila Lammummaa gannaan aanichaatti hojiin Birrii miiliyoona 31 fi kuma dhibba 6 fi kuma 78 olitti tilmaamamu hojjetamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.