Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa bishaan qabachuuf meetira 8 qofatu isa hafa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa bishaan qabachuuf meetira 8 qofatu isa hafa.
 
Guutinsi koonkiriitii Hidha Haaromsaa; ol ka’iinsa galaanatii ol meetira 552 irra ga’eera.
 
Akkaataa kanaan ammoo bishaan qabachuus meetira 8 qofatu isa hafa jechuudha.
 
Raawwin ijaarsa hidhichaa waliigalaan %74 irra ga’uusaa Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Preezdaantonni naannolee 7; Oromiyaa, Amaaraa, Afaar, Somaalee, Beenishaanguul Guumz, Gaambeellaa fi naannoo Kibbaa ijaarsa hidhichaa daawwataniiru.
 
Jilli hoggansa olaanoo kun ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii; walitti qabaa boordii Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Abrahaam Balaayii fi hoji raawwachiisaa olaanaa humnichaa obbo Ashabbir Baalchadhaan duurfamuun daawwicha raawwateera.
 
Jilichis sadarkaan ijaarsichaa jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.