Fana: At a Speed of Life!

Hiikkaa heeraarratti waltajjiin yaada ogeeyyii dhaggeeffachuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Hiikkaa heeraarratti waltajjiin yaada ogeeyyii dhaggeeffachuuf qophaa’e gaggeeffamaa jira.
 
Waltajjiin har’aa Yaa’iin Qulqulleessituu Heera Mootummaa FDRI Sanbata darbe yaada ogeeyyii dhaggeeffachuuf waltajjii marii qopheessetti kan fufedha.
 
Marichaanis waraqaan qorannaa ogeeyyiin qopheessan ilaalamaa jiraachuu preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa fi walitti qabduun Yaa’ii Qulqulleessituu Heera Mootummaa FDRI aadde Ma’aazaa Ashannaafiin ibsaniiru.
 
Waltajjichaan ogeeyyiin damichaaf dhiyeenya qabanii fi heerri mootummaa yoo qophaa’u turan yaada ni laatu.
 
Ogeeyyiin seeraa fi namoonni yeroo mootummaa cee’umsaa hoggansarra turan yaada isaanii ni dhiyeessun eegamu.
 
Waltajjichi kan qophaa’e Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoonni heera mootummaa akka ilaalaman gaaffii yaa’ichaaf dhiyeesseni gaggeeffamaa kan jiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.