Fana: At a Speed of Life!

Himannaan obbo Iskindir Naggaafaarratti baname akka fooyya’u manni murtichaa ajaje

Finfinnee, Fulbaana 12,2013 (FBC) – Himannaan obbo Iskindir Naggaafaarratti baname akka fooyya’u manni murtichaa ajaje.
 
Obbo Iskindir Naggaa dabalatee himannaan namoota 7rratti baname akka fooyya’u manni murtichaa ajaja laate.
 
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhaddachi heera mootummaa fi yakka shororkeessummaa 1ffaa Abbaan Alangee Federaalaa himannaan kanaan dura bane akka fooyya’u ajajeera.
 
Manni murtichaa wabii waliigalaarratti himannicha laalee yaada laachuuf abbaan alangee himannicha fooyyessuu qabaan ajajeera.
 
Kan fooyya’us Waxabajjii 23 fi 24,2012 miidhaan namaa fi qabeenyarra qaqqabee akka dhiyaatu, miidhaan qaqqabe eessatti akka ta’e, kutaa bulchiinsaa fi aanaa kamitti, sa’aa kamitti akka qaqqabe adda ba’ee ifoomuu akka qabu ajajeera.
 
Kun ega adda ba’een booda sana keessatti ga’een himatamtootaa maal akka ta’e akka dhiyaatu ajajeera.
 
Haaluma kanaan abbaan alangee himannicha torbee tokko keessatti fooyyessee akka dhiyeessuf Fulbaana 19,2013tti beellama qabeera.
 
Iskindir Naggaan abukaatota isaanii 4 waliin dhaddachicharratti dhiyaatanii, manni murtii wayaa fi nyaatni akka galuuf, yaala akka argatan, maatidhaanis akka walargan mana sirreessaaf ajaja akka laatu gaafataniiru.
 
Manni murtichaas kun akka taasifamu ajaja laatera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.