Fana: At a Speed of Life!

Hinditti balaa Bakakkaan lubbuun namoota 107 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Kaabaa fi Baha Hinditti balaa Bakakkaan lubbuun namoota 107 darbuu himame.
 
Namoonni 83 kutaa bulchiinsa Biiharitti, guyyaa kaleessaa ammoo namoonni 24 bulchiinsa Uutaatti Praadeeshitti balaa Bakakkaan lubbuun isaanii darbuu aanga’oonni biyyatti beeksisaniiru.
 
Namoonni hedduun ammoo miidhaamuu ibsameera.
 
Waxabajjii – Fulbaanaatti Hinditti yeroo balaan Bakakkaa itti heddumatu ta’uu ibsameera.
 
Hangi namoota du’anii dabaluu akka danda’u Ejansiin Hoggansa Soda Balaa biyyattii beeksiseera.
 
Guyyaa har’aa fi Boorus kutaa bulchiinsa Biiharitti roobni cimaan roobuu akka danda’u Ejansiin Ragaa Haala Qilleensaa Hindi ifoomseera.
 
Maddi:-aljazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.