Fana: At a Speed of Life!

Hiriyoota waliin qo’achuun qormaata kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Magaalaa Naqamteetti hiriyoonni lamaan waliin qayyabachaa turan qormaata biyyaalessaa kutaa12ffaan qabxii olaanaa galmeessan.

Barattootni Mana Barumsaa Akkadamii Beetel keessa barataan Barataa Fira’aansii Bookaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015 qabxii 628 fi Barataa Olitti Oljirraan ammoo qabxii 626 fidaniiru.

Barattootni lamaan qormaata duraa waggaa 2 oliif waliin qayyabachuun qophii taasisaa turuu himaniiru.

Qormaataaf qophii gahaa taasiisuun milkaa’uu isaanii eeraniiru.

Gara fulduraatti barnoota saayinsii Hawaa barachuuf fedhii qabaachuu isaanii dubbataniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.