Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa ummataatin demokraasii lafa qabsiisuu fi nageenya ummataa mirkaneessuuf nan hojjedha jedhe Caffeen Oromiyaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Hirmaannaa ummataatin demokraasii lafa qabsiisuu fi nageenya ummataa mirkaneessuuf nan hojjedha jedhe Caffeen Oromiyaa.
Caffeen Oromiyaa raawwii bara 2012 fi qophii karoora bara 2013 manneen maree aanaalee fi magaalota Oromiyaarratti mari’achaa jira.
Marichi magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, af yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon karoora waggaa 10f baafame hojiirra oolchuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Hojichis hirmaannaa ummataatin kan deeggaramu ta’uu beeksisan.
Haaluma kanaan imala badhaadhinaa jalqabame galmaan ga’uuf ni hojjetama jedhaniiru.
Sirna demokraasii lafa qabsiisuun nageenya ummataa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru aadde Loomii Badhoon.
Fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuuf manneen maree sadrkaan jiran ga’ee isaanii ba’achuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamu milkeessuufis gumaacha nurraa eegamu ba’achuu qabnaan dhaaman.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.