Fana: At a Speed of Life!

Hoggaantonni olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa Misoomaa Interpiraayizootaa daawwachaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa sochii misooma interpiraayizootaafi abbootii qabeenyaa naannichaa daawwachaa jiru.
Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa naannichaa leenjii fudhataa kan jiran yoo ta’u, leenjicha cinaatti sochii interpiraayizootaafi abbootii qabeenyaa naannichaa daawwataniiru.
Proojaktii babal’inaa Warshaa Seeraamikii Taabooriifi sochii hojii isaa akkasumas, Yuuniyeniin Hojii Gamtaa Misooma Nyaataafi Horsiisaa Beeyladaa Adaaree proojektoota dawwaatamaniiru.
Itti Gaafataaan Biiroo Misooma Qabeenya Qurxummiifi Beeyladaa Naannoo Sidaamaa Obbo Taklee Joonbaa daawwannicharratti akka himanitti, yuuniyenichi bara 2012 kaappitaalaa Birrii miiliyoona 1.9 kan hundeeffameedha.
Hojii isaatiin bu’a qabeessa waan ta’eef, yeroo gabaaba keessatti Birrii miiliyoona 20 galmeessuudhaan akka biyyaatti fakkeenya ta’eera jedhan.
Daawwannichaan Paarkii Indaastirii Hawaasaa, Paarkii Indaastirii Qindaa’aa Yirgaalem akkasumas sochii interpiraayizoota bu’aa qabeessa ta’anii daawwatameera.
Kaayyoon daawwannichaa muuxxannoo gaarii interpiraayizoota fakkeenya ta’anii naannichaatti babal’isuuf ta’uun eerameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.