Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa argisiisa Qonnaa Gola Hambaa Saayinsitti qophaa’e daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi naannolee argisiisa Qonnaa Gola Hambaa Saayinsitti qophaa’e daawwataniiru.

Daawwanicharratti Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Ministira Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa ,Ministira Ministeera Qonna Dooktar Girmaa Amaantee ,Pireezidaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Daastaa Leeddaamoo, Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Injinar Nagaash Wageeshoo fi hoggantoonnii biroon argamaniiru.

Hoggantoonni kunneen oomishaalee naannoo Sidaamaa fi Kibba Lixaa Ityoophiyaa Gola Hambaa saayinsittii agarsisaaf dhiyaate daawwachuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.