Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoon qaama miidhamtoota waraanaa waliin ayyaanicha kabajan

Finfinnee, Muddee 29, 2013 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon qaama miidhamtoota waraanaa waliin ayyaanicha kabajan.
Ministeerri Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa, Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee fi Raayyaa Ittisaa waliin tahuun ayyaanaa Qillee bara kanaa qaama miidhamtoota waraanaa waliin Giddugala Kuununsa Daa’imani fi Gootota Ityoophiyaa keessatti kabajaniiru.
Kabaja ayyaanaa kanarratti Itti Aantu KantiibaaMagaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee dabalatee anga’oonni mootummaa olaanoon argamaniru.
Itti Aantu KantiibaaMagaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qaama miidhamtoota waraanaa waliin ayyaanicha guyyaa tokko isaani waliin kabajuu qofa osoo hin taane giddugalichi dhalootaaf akka tajaajilu, akka barsiisu fi lammiileen akka itti boonanif tahe akka tajaajiluuf deeggarsi cimee itti fufaa jedhaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.