Fana: At a Speed of Life!

Hojii seektara Qonnaa ji’oota 6n darbanittii tiraaktaroonnii 310 fi Kompaayinaroota 80 qonnaan bulaaf raabsamaniiru

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) –Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa hojii seektara Qonnaa ji’oota 6n darbanittii hojjetaman omishtummaa qonnaa dabaluufi jireenya qonnaan bula foyyeessuuf tiraaktarri 310fi Kompaayinaroota 80 qonnaan bulaaf raabsamuu himan.
Yeroo ammaa kanas Tiraakttaronnii fi kompaayinaroonni 1000 ta’aan gara biyyaa keessa gala akka jiranis himaniiru.
Oomishaa Qamadii jallisii marsaa jalqabaan lafa heektara kuma 100 fi kuma 60 misoomsuuf karoorfamee lafa heektara 100 fi kuma 30 misoomsuu danda’amuus himan.
Akkasumas bakkeewwan gamoojjiittis oomshini qamadii jallisii eeggalamuu himan, gama birootins oomishtummaa qabeenya beeyladaa, Lukkuu, misoomaa Dammaatin hojiileen jajjabboo hojjatamuus himaniiru.
Hojiilee gama barnootaan hojjetamanis carraa barnoota Oromiyaa keessatti babal’isuuf hojii hojjetameen,, daree barnootaa,barnoota gadaa,aadaa dubbisuu foyyeessuu,ijaarsa pirojektii ifa boru hojiileen gurguddoo akka hojjetamaan himaniiru.
Haaluma kanaanis ijaarsi piroojektii Ifa Boru manneen baruumsaa sadarkaa 2ffaa 100fi manneen baruumsaa bultii Addaa 7 ijaarsi isaanii kan eeggale tahu himan Preezdaanti Shimallis.
Akkasumas manneen barnootaa Moodeelaa 40 hundeessuuf karoorfamee 30 hundeessuu danda’amuus himan.
Tajaajila lammummaan dareen dabalataa kuma 34fi 200 ol ijaaramuu himaniiru.
Bara kanas barattoonni miiliyoona 10 ol barachaa akka jiranis himaniiru.
Dabalatanis barnoonni Gadaa akka gosa barootaa tokkootti kennamaa akka jirus himaniiru.
Gama bishaanin lammileen miiliyoona 1.2 ol tajaajila bishaan dhugaati argataniiru.
Qaala’iinsaa jireenyaa waliin walqabatee Dhaabbilee daldalaa kuma 64 fi 800 ol tarkaanfiin bulchiinsaafi seera irratti fudhatameera jedhan.
Gama tajaajila Fayyaatinis Inshuuraansii Fayyaa namoonni miliyoona 3.1 miseensaa Inshuuransii ta’aniiru jedhan.
Ji’oota jahan darban gahuumsaa ogeessota fayyaa foyyeessuf leenjiin garagaraa kennamaa turus himaniiru,
Weerara vaayraasii koroonaa ittisuu keessatti hojiileen gurguddoo hojjetamuus himaniiru.
Gama galiitiin ji’ottan 6 darban galii Birrii Biiliyoona 13.7 galchuuf kan karoorfame yoo ta’uu, galiin Birrii Biiliyoona 15.3 galiin galeera jedhan.
Galiin argame kun gali bara darbeen waliin yoo madaalmu calmaa galii Birri Biiliyoona 5.8 qaba jedhan Preezdantiin Mootummaa Naannoo Oromoiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.