Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee dippiloomaasii cimaa itti fufsiisuuf qindominaan hojjetamuu akka qabu Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Hojiilee dippilomaasii ciccimoo itti fufsiisuuf qindominaan hojjetamuu akka qabu Daayrektarri Jeneraalaa Paabilik Dippilomaasii Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Ambaasaaddar Diinaan FBC waliin turtii taasisaniin, Hidhi Guddichi Haaromsaa Ityoophiyaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Ityoophiyaa ta’uu adduunyaa hubachisuuf tattaaffiin taasifame jajjabeessadha jedhan.

Hojiilee dippiloomaasii ciccimoos dhugoomsuuf, hanqinaalee fageessuun, keessumaa qaamolee odeeffannoo barbaadaniif yeroodhaan qaqqabsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhimma, Abbay irratti dhunfaan biyya isaanii bakka bu’uun kan falman Jamaal Bashirii fi Bakka Bu’aa Miidiyaa Arabaa Gaazeexeessaa Sa’iid Muzayyin gama isaaniin, dhugaa Ityoophiyaa hubachisuuf hojiileen gaggeeffaman, bu’aalee jajjabeessoo akka argamsiisan himaniiru.

Yeroo ammaa jala bultii guutiinsa bishaanii Hidha Guddichaa marsaa 3ffaa waan ta’eef, piroppogaandaan sobaa Ijibti itti fufuu ibsaniiru.

Kanaan kan gituu fi dhugaa Ityoophiyaa addunyaa biroo hubachiisuuf hojiilee bal’aan fuulduratti akka eeggatu ibsaniiru.

Keessumaa piroppogaandaa sobaa jijjiiramaa Ijibti dhaabuuf, qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun Ityoophiyaatti Bakka Bu’aan Miidiyaa Al Arabii Gaazeexeessaa, Zayiid Zayidaan eereera.

Walitti dhiyaachuun qindoominaan hojjechuun hojiilee dippilomaasii walitti fufiinsa qaban irratti xiyyeeffachuun gaazeexessitoonni dhimma Abbaay falmuu akka qaban hubachiisaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.