Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee misooma magariisaa yeroo gabaabaatti ummataaf banaa ta’u-Aadde Adaanech

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Buufata Kaargoo Boolee hanga Riqicha Aqaaqiitti hojiilee misoomaa Magariisaa hojjetamaa jiran yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun ummataaf banaa akka ta’an Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, hojiilee misooma magariisaa hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Magaalaan Finfinnee, qulqulluu, miidhagduu fi magariisaa taasisuuf qaama hojiilee misooma kooridarii kan ta’e hojiileen misooma magariisaa kunneen, bakka tapha daa’immanii, bakka bashannanaa, tajaajila hawaasaa naannawaaf oolan kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, bal’ina kaaree kuma 200 kan qabuu fi buufata Kaargoo Boolee irraa hanga riqicha Aqaaqiitti kiiloo meetira 9.5 kan fagaatu ta’uu eeruun yeroo gabaabaa keessatti xumuruun ummataaf banaa ni taasifama jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.