Fana: At a Speed of Life!

Hojiin dhukkubota ittisuu talaallii daa’immanii irraa eegala-BFO

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Hojiin dhukkuboota ittisuu talaallii daa’immanii irraa kan eegalu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa hubachiise.

Torbee talaallii daa’immanii Afrikaa mata duree “Daa’imman talaallii hin fudhannefi kan talaallii addaan kutan carraa jiran hunda fayyadamuun talaalchisuun miidhaafi du’aatii haa hir’isnu” jedhuun gaggeeffamuu ilaalchisuun waltajjiin leenjii ogeeyyii miidiyaafi kominikeeshinii akkasumas qooda fudhattoota dhimmi ilaaluuf gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Daayrekterri Barnootaa Fayyaa fi Koominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Siister Sa’aadaa Ahimad, hubannoo hawaasni talaallii daa’immanii irratti qabu dabaluuf waltajjichi kan kaayyeffate ta’uu himan.

Biirichi % 80 hojiilee dhibeewwan dursanii ittisuu kan gaggeessu ta’uu kaasuun kunis talaallii daa’immanii irraa akka eegalu dubbatan.

Talaalliin du’aatii daa’immanii hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu ibsanii maatiin walittifufiinsaan daa’imman isaanii sirnaan talaalchisuu akka qaban Sadarkaa Itti Aanaatti Gorsaan Biirichaa Dooktar Abdurraazaaq Ahimad ibsaniiru.

Akka Oromiyaattis sababa adda addaan daa’imman talaallii hin argatinii fi addaan kutan hedduu waan ta’aniif talaallii idileen ala duulaan ni kennama jedhaniiru.

Tsahaay Gulummaa fi BKO

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.