Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala Eekkaa Kotabeetti kutaan Wallaansa yaala cimaa dhukkubsattootaan guuttamuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC) – Lakkoofsi namoota Vaayrasii koroonaan qabamanii dabalaa dhufuu hordofee Hospitaala Eekkaa Kotabeetti kutaan Wallaansa yaala cimaa dhukkubsattootaan guuttamuu ibsameera.

Kutichi dhukkubsattootaan guuttamuu hordofee Hospitaalichi dhukkubsattoota dabalataa simachuuf humna kan hin qabne ta’uu Hojii Gaggeessan Hospitaala Eekkaa Kotabee Dooktar Yaareed Aggidaw ibsaniiru.

Lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii dabalaa dhufuun dambaliin marsaa 3ffaan seenuu agarsiisa jedhan.

Yeroo ammaa namoota 100 Oksijinii kan isaan barbaachisu yoo ta’u, kanneen keessaa 25 wallaansa yaala cimaa keessatti argamu jedhan Dooktar Yaareed.

Hospitaalichi waliigala dhukkubsatoota 400 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, dhukkubsattoota Wallaansa yaala cimaa 25 qofa keessummeessuu danda’a jedhan.

Guyyaa 10 dura namoonni vaayrasichaan qabamaa turan 100 gadi kan ure ta’us yeroo ammaa guyyaan namoonni 500tti siiqan qabamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.