Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalonni 14 fi buufataaleen fayyaa 60 barbadaa’anii turan tajaajila akka eeggalan taasifameera- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Hospitaalonni 14 fi buufataaleen fayyaa 60 garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’anii turan suphamanii tajaajila akka eeggalan taasifamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsan.

Lammiilee miidhamanii fi dhaabbilee barbadaa’an deebisanii dhaabuuf qabeenya guddaa fi deebii ariifachiisaa kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan hojii deebisanii dhaabuu waliigalaa karooraan hojjechaa jiraachuu fi dhaabbilee fayyaa ilaalchisee hospitaalonni magaalaa Finfinnee fi naannolee itti gaafatamummaa fudhatanii meeshaalee tajaajila fayyaa akka guutan taasifamaa jiraachuu eraniiru.

Hojii deebisanii dhaabuu hanga yoonaatti hojjetameenis hospitaalonni 14 fi buufataaleen fayyaa 60 ol gara hojiitti akka deebi’an taasifamuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.