Fana: At a Speed of Life!

Humna Galaanaa aggaammii keessaa fi Alaa qolachuu danda’u ijaaraa jirra – Reer Adiimiiraal Kinduu Gazzuu

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Humna Galaanaa aggaammii keessaa fi Alaa ga’umsaan qolachuu danda’u ijaaraa jirra jedhan Ajajaa olaanaan Humna Galaanaa Ityoophiyaa Reer Adiimiiraal Kinduu Gazzuun.
Ajajaa olaanaan Humna Galaanaa Ityoophiyaa Reer Adiimiiraal Kinduu Gazzuun sosochii Leenjii Bu’uuraa Mana Barumsaa humna galaanaa Ityoophiyaa fi gamoo ijaarramaa jiru erga daawwatanii booda barattoota waliin mari’ataniiru.
Humna Galaanaa Ammayyaa nageenya biyyaa eeguu danda’u, aggaammii keessaa fi alaa qolachuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dandeettii Humna Galaanaa guddisuuf, humna nama baratee, ga’umsa qabu, namuusaa gaarii qabu, biyya jaalatuu fi murannoo qabu oomishuun murteessaa ta’uu kaasuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.