Fana: At a Speed of Life!

Iiraan xiyyaara Yuukreen dogoggoraan rukuttee kuffisuushee amante

Finfinnee, Amajjii 2,2012(FBC)- Iiraan xiyyaara Yuukreen dogoggoraan rukuttee kuffisuushee amante.

Teehraan rukuttaan xiyyaarichaa dogoggoraan ta’uu amanteetti.

Naannoon qilleensaa xiyyaarichi irra balali’aa ture, toora eegumsa warraaqsa biyyattii jala kan ture ta’uu Raayyaan Ittisa Biayyaa Iiraan beeksiseera.

Ibsa baasenis qaamoleen dogoggoraan xiyyaaricha rukutanii kuffisan kan itti gaafataman ta’uu ibseera.

Dogoggora uummameef dhiifama gaafatee, kana booda of eeggannaan kan taasifamu ta’uu beeksiseera.

Preezdaantiin Iiraan Haasan Roohaaniin karaa Twiitara isaanitiin akka beeksisanitti, dogoggorichi dogoggora dhiifama hin qabnedha jedhaniiru.

Muummee ministiraa Kaanaadaa Justiin Truudoon kaleessa akka beeksisanitti, xiyyaarichi rukutamee kufuu ragaan na ga’eera jedhaniit turan.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traampis xiyyaarichi rukutamee kufuu akka hin oolle ibsaa turaniiru.

Ragaalee nageenyaa waabeffachuudhan miidiyaalen xiyyaarichi kufuudhan dura miisaa’elli dhukaafamuu gabaasaa turaniiru.

Iiraan garuu amma dubbicha amantutti haalaa turteetti.

Maddi; BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.