Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii kiilo meetira 58.8 Muka Xurii – Kookkab daawwatame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ijaarsi daandii kiilo meetira 58.8 Muka Xurii – Kookkab daawwatame.
 
Daawwicharratti ministir deettaan Ministeera Geejibaa obbo Kaasaahuun Goofee fi hoggansi Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa argamaniiru.
 
Ijaarsi daandichaa kanaan dura kabachiisa daangaa fi dhimmoota birootin harkifatee kan ture ta’us, amma haala gaarirra akka jiru ibsameera.
 
Aspaaltii afuun kan eegalame yoo ta’u, amma dhuma bara kanaatti kiilo meetira 20 ol hojjechuuf karoorfameera.
 
Daandichi kanaan dura sadarkaa cirrachaatin kan ijaarramedha.
 
Daandicha ijaaraa kan jiru dhaabbata Chaayinaa Reeyilweey Injiinariing Giruup Lakkoofsa 3.
 
Hojichi Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 68 hojjechaa jira.
 
Daandichi qonnaan bultoonni naannoo Oromiyaa fi Amaaraa oomisha isaanii gabaadhaf akka dhiyeessan ni gargaara.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.