Fana: At a Speed of Life!

Imbaasiin Raashiyaa beeksisa qacarrii loltootaa baase jechuun olola deemaa ture imbaasichi kuffisuu isaa mootummaan dinqisiifate

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Imbaasiin Raashiyaa beeksisa qacarrii loltootaa baase jechuun olola deemaa ture imbaasichi kuffisuu isaa mootummaan Ityoophiyaa dinqisiifate.

Imbaasichi iyyannoo qacarrii kamiyyuu kan hin fudhannee fi waliigaltee hariiroo dippiloomaasii Veeyinaa bara faranjoota 1961 kan kabaju ta’uu ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaas dhimmoota kanarratti  imbaasicha wajjiin waliigalee argame taanaan waliigaltee hariiroo dippiloomaasii Veeyinaa kan sarbu yoo ta’u, gochaan kunis hojii dippiloomaatik miisiyoonaan kan wal faallessu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi sarbamuurra darbee miisiyoononni dippiloomaatikii seeraa fi danbii biyyaa kabajuu dhabuu ta’uus ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa murtoo hatattamaa imbaasichi fudhate dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.