Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaatti walitti bu’iinsa dirree kubbaa miilaa keessatti uumameen lubbuun namoota 174 darbe

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015 (FBC)- Indooneezhiyaatti walitti bu’iinsa dirree kubbaa miilaa keessatti uumameen lubbuun namoota 174 darbuu gabaafame.

Biyyattiitti walitti bu’iinsa deeggartoota garee kubbaa miilaa gidduutti uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 174 darbuufi namoota 180 irra miidhaan gahuu gabaafameera.

Balicha tasgabbeessuuf jecha tarkaanfii Poolisiin gaazii imimmaanessu dirricha  keessatti gadi lakkisuun balicha hammeessuu eerameera.

Balichi balaawwan dirree kubbaa miilaa keessatti uumaman keessaa isa hamaa ta’uu ibsameera.

Muddama dirree keessatti uumame irraan kan ka’e poolisiin walitti fufiinsaan gaazii imimmaanessu dhukaasaa turuu namni ijaan arge BBCtti himuu ibsameera.

Pireezidaantiin biyyattii Jookoo Wiidoodoon, dhimmicharratti qorannoon hanga taasifamutti taphoonni liigii olaanoo biyyattii  akka dhaabbatan ajaja dabarsuu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.