Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Habtaamuu Ittafaan Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddara Jarman waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016(FBC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddara Jarman Isteefan Awar waliin mari’ataniiru.

Akkasumaas Injiinar Habtaamuun Bakka Bu’aa Dhaabbata Saaymansi Inarjii waliin dhimmoota misoomaa fi invastimantii inarjiirratti mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Injiinar Habtaamuun Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin walitti hidhamiinsa anniisaa uumuu ibsan.

Bu’aa qabeessummaa ga’umsa dhiyeessii anniisaa irratti kan tumsan seektarri dhuunfaa damee misooma anniisaa haareffamaa irratti akka bobba’an fedhii olaanaan akka jiru kaasaniiru.

Bishaan, qilleensa, aduu fi ji’ootermaalirraa annisaa maddisiisuuf pirojektiiwwan garaagaraa gaggeeffamaa akka jiran ibsaniiru.

Ambaasaaddar Isteefan gama isaaniin Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo yeroo dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu dubbatan.

Damee misoomaa Inarjiirratti dhaabbilee bobba’an keessaa Saaymansi Inarjiin Itiyoophiyaatti filmaatawwan misooma Inarjiirratti hirmaachuuf fedhii qabaachu ibsaniiru.

Afrikaa Bahaatti Ittaanaan Pireezidaantii Dhaabbataa Saayimansi Inarjii Firaansiyoos Zhiviyer Duubiyas dhaabbanni isaanii dhaabbata inarjiirratti bobba’ee sadarkaa addunyaatti hojjetu keessaa tokko jedhan.

Biyyoota Afrikaa Bahaattis pirojektoota garaagaraa hojjechaa jiraachuu kaasuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan Ambaasaaddar Isteefan Awar fi jilli isaanii giddugalaa agarsiisa dijitaalaa ministeerichaa fi hojiilee misoomaa dhaabbichaa daawwataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.