Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan preezdaant Ashaadilii Hasan waliin bakka qabeenya albuudaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan preezdaantii naannoo Beenishaaniguul Guumz obbo Ashaadilii Hasan waliin bakka qabeenya albuudaa daawwataniiru.

Injiinar Taakkalaan oomishtoota albuudaa naannicha waliinis mari’ataniiru.

Naannichattis qabeenyaa fi oomishtoonni albuudaa ciccimmoon jiraachuu ibsaniiru.

Oomishtoonni kunneen rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa akka qabanis kaasaniiru.

Injiinar Taakkalaan rakkicha furuuf hoggantoota naannicha waliin mari’ataniiru.

Yeroo itti aanuutti qabeenyaa albuudaa keenyaa sirnaan faayidaarra olchuuf ciminaan ni hojjeenna jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.