Fana: At a Speed of Life!

Inshuraansii fayyaa hawaasaa Oromiyaarratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Koonfaransiin inshuraansii fayyaa hawaasaa naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa hojiirra oolchuun bu’a qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen bu’aan galmaa’aa jiru jajjabeessadha jedhan.

Hoggantoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran hawaasa fayyaansaa eegame horachuuf hanqinoota mudatan furuuf qindoominaan dhimmicha irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu akka qaban Dooktar Darajjeen dubbataniiru.

Koonfaransicharratti hoggansi Eejansii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Federaalaa, hoggantoonni Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi waajjiraalee fayyaa hanga sadarkaa godinaatti jiran, bulchitoonni godinaa, itti gaafatamtootni Paartii Badhaadhinaa magaalotaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Koonfaransichaan raawwiirratti garaagartee jiru dhiphisuun muuxannoowwan gaggaarii jiran, gara kaanitti babal’isuuf ni kallattiin ni kaa’ama jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.