Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Calaqqee Aadaa, Eenyummaa, Seenaafi Duudhaa Oromoo ganamaati- Aadde Sa’aadee Abdurahamaan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Irreechi Calaqqee Aadaa, Eenyummaa, Seenaafi Duudhaa Oromoo ganamaati jedhan  Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadee Abdurahamaan.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadee Abdurahamaan Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isi gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaatera.

Irreechi iccitii falaasamaafi uumamaa qor-qalbii Oromoo keessatti biqiluun, guddatee dagaagedha. Calaqqee aadaa, eenyummaa, seenaafi duudhaa Oromoo ganamaati. Guyyaa kadhataa, dhiifamaafi araaraa uumama qabatanii uumaa ofii itti galateeffatan kanaan baga ittiin isin gahe!

Waktiin bonaa aduu, dheebuu, gogiinsiif hongeen yeroo itti hammaateefi jiruu namaafi lubbu qabeeyyiif yeroo ulfaataadha. Waktiin gannaas, carraaqqii egeree jireenyaa fooyyessuuf taasifamuun waktii hojiifi dadhabbii guddaan guutamedha. Waktiilee akkas ulfaatan keessatti, Oromoon abdii qabu of fuulduratti ilaalaa ganna cehee, dachee magariisaan faayamte, ililii daraartee urgooftu, asheeta asheetee namaafi bineensaan quufa leellisu, waktii jijjiiramaa, abdiifi galataa kan ta’e BIRRAA simata; waan uumaan uumamaaf arjoomeen galata, kadhataafi dhugeeffannaa qabatee as baha.

Sabni guddaan Gaanfa Afriikaa, giddu gala Itoophiyaatti argamu kun, waahillan ollaa isaa jiraatan waliin barii birraa marga jiidhaa, ililii birraa daraaree boru firii godhachuuf miidhagee mul’atu qabatee malkaatti baha. Malkaawwan Irreeffannaa Hora Finfinneefi Ar-sadiis kabajaafi ulfina, aadaafi eenyummaa saba kanaaf qabanitti simboo addaa horuun faayamanii cidha qophaa’e kana simachuuf guyyicha hawwiin eeggatu. Oromoonni bahaafi lixaa, kaabaafi kibbaa, alaafi keessaa walitti dhufanii jila aadaa guddaa kana irratti nagaa, araara, dhiifamaafi ofkaltii kadhachaa, waan uumaa isaanii irraa argataniif ammoo eebbaafi galata qabatanii hangafoota abbootii malkaa, haadholii siinqeefi dureewwan Gadaan qajeelfamuun galataafi ililleen irreeffatu.

Irreechi guyyaa ulfoo nagaan itti leellifamuufi kadhatamudha. Nagaan badhaasa addaa uumaan uumama isaa hundaaf gumaachedha. Nageenyi biyyaa, lammii, maatii, jaarsaafi jaartii hanga daa’imaatti, beeylada manaafi bineensa ala galuuf, waliigalaan lubbu qabeeyyiifi dhabeeyyii hundaaf nagaan guyyaa itti mararfamuufi kadhatamudha. Uumaa uumama isaa tiksee guyyaa kana dhaqqabsiiseef ammoo guyyaa galataati. Sirna kadhataa, galataafi mararfannaa kana irratti Oromoota irra cehee ummattoonni obbolaa biroos kan irratti hirmaataniifi ummanni miiliyoonotaan lakkaa’amu bahee kan irreeffatudha.

Caffeen Oromiyaas, bakka bu’oonni ummata keenyaa hundi keessatti argamaniifi dhimmoonni ijaarsa sirna demokiraasii, misoomawwan bu’uuraa, nagaafi tasgabbii ummataa, bulchiinsa gaarii, aadaa, seenaafi duudhaaleen saba keenyaa keessatti mul’atan, mari’atamaniifi murtaa’anidha. Caffeen hambaalee aadaa dhaloonni kaleessaa tikfatee har’aan gahe kunuunsa isaaniif malu argatanii deebi’anii akka misaniif qajeeltoowwan seeraa barbaachisan hunda mijeessuun, addunyaaf hambaa kiliyaa, biyyaaf ammoo hawwata tuuriizimii ta’anii akka tajaajilaniif hojiiwwan misooma tuuriizimii naannichaa cimsuufi guddisuu keessatti qooda irraa eegamu ni bahata.

Keessaahuu, kaleessa sabni keenya Irreecha sona guddaa qabu kana cunqursaa alagaa jalatti tikfatee kunuunsee dhaloota har’aa biraan gaheera. Irreechi hambaa seenaa, agarsiiftuu eenyummaa, duudhaafi aadaa Oromoon keessatti of argu waan ta’eef, nutis amaanaa dhaloota darbe irraa nu qaqqabe kunuunsinee gabbisnee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama seenaa qabna. Caffeen Oromiyaas, qaama olaanaa ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiru waan ta’eef, dhimmoota aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisanii dhaabuufi tajaajila adda addaaf akka oolan taasisuu keessatti qooda irraa eegamu adda durummaan kan bahatu ta’uu dhaamsakoo dabarsa.

Bara kana, Irreecha Hora Finfinneefi Ar-sadii walduraa duubaan wayita kabajnus duudhaalee kanneen gonfannee, ergama seenaafi galaa dhalootaa nurra jiru hubannee waardiyyaa nageenya keenyaa ta’uun, naamusa Irreechaa kabajuun guyyaa dhiifamaa, araaraafi galateeffannaa kana milkiin akka kabajnuuf dhaamsakoo dabarsaa; Irreechi kan nagaa, araaraa, tokkummaa, jaalalaa, dhiifamaafi badaadhinaa akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Fulbaana 20, 2015

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.