Fana: At a Speed of Life!

Istuudiyoon Faanaa Laamroot daandeettii dhaabbatichaa guddisuun odeeffannoo kallattii garaagaraan akka tamsaasuuf tumsa-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Istuudiyoon Faanaa Laamroot daandeettii dhaabbatichaa guddisuun odeeffannoo waqtaawaa fi amanamaa kallattii garaagaraan akka tamsaasuuf kan dandeessisu ta’uu Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dubbatan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Istuudiyoo haaraa ijaarsise eebbisiiseera.

Sirnaa eebbichaarratti Obbo Adam Faaraah dabalatee Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu, Ministir Deetaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deeksisaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Saganticharraatti Obbo Adam Faaraah haasawaa taasisaniin, istuudyoon dandeettii dhaabbatichaa guddisu sadarkaa isaa eeggatee ijaaramuutti baga gammaddan jedhaniiru.

Faanaan qaqqabummaa isaa bal’isaa, hojmaataa isaa ammayyeessaa akkaataa dhiyeessiii odeeffannoo kalaqaan dabaalamee fi hojii qeequu, saaxiluu, sirreessuu, bashannansiisuu fi ijaarsa maqaa gaarii biyyaa ga’umsaan raawwachuun kan irraa eegamuudha jedhan.

Dhaloota jaalala biyyaa qabu horachuu fi ijaarsa mootummaa bu’uuressuuf miidiyaan gumaacha olaanaa akka qabu akeekaniiru.

Mootummaan ijaarsa dimokiraasii fi ijaarsa biyyaa keessatti miidiyaan gahee olaanaa akka gumaachu kan hubatu ta’uu eeruun, kanaafis miidiyaa akka Faanaa walabummaa ogummaa eeguun itti gaafatamummaan kan hojjetan barbaachisa jedhaniiru.

Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti seenessii waloo fi ijaarsa dhalootarratti xiyyeeffachuu akka qabanis hubachiisan.

Qabiyyeewwan miidiyaalee, ummatoota gidduuttiis ta’e biyya isaanii kan beeksisan, waloomaa fi tokkummaa sabdaneessummaa kan cimsan ta’uu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen hojmaata mootuummaa keessatti hanqinaaleen akka sirratan argisiisuu fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uuf gahee tumsaa isaanii bahachuu akka qabanis akeekaniiru.

Hirmaachisummaa, madaalummaa, duudhaan obbolummaa akka dagaaguu tasisuu fi nageenyaa waaraan aka mirklanaa’uuf ialaalchaa hawaasaa qajeelchuu keessatti itti gaafatamaa akka qaban eeraniiru.

Miidiyaan faayidaa biyyaalessaa gama eegsisuu, haqummaan gabaasuu fi qajeeltoo gaazexeessummaa fi naamusa ogummaa hojiirra oolchuu barbaachisa jechuun ibsaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.