Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teeleekoom Tigraayitti Tajaajila Intarneetii 4G eegalchiise

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Itiyoo Teeleekoom magaaloota naannoo Tigraayitti Tajaajila Intarneetii 4G eegalchiisuu beeksise.

Magaaloota akka Maqalee, Shiree, Adda Giraatii fi Aksumitti tajaajila 4G eegalchiisuu ibseera.

Suphaa sarara Damee Kaabaa Kiiloo Meetira kuma 1 fi 800 dabalatee buufataaleen 466 guutummaan guutuutti gara tajaajilaatti deebi’uu himeera.

Dhaabbatichi yeroo ammaa magaaloota biyyattii 300 ol fayyadamoo tajaajila dhaloota 4ffaa taasiisuu eereera.

Misikkir Sinnaafiqitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.