Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gabaasa Koomishiniin Ogeeyyii Mirga Namoomaa baasee akka hinfudhanne ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan gabaasa Koomiishiniin Ogeeyyii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa baasee akka hinfudhanne beeksiste.

Koomishiniin Ogeeyyii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa sarbama mirga namoomaa fi soda duguggaa sanyii jira jechuun gabaasa baase mormuun Ministeerri Dhimmaa Alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseera.

Ministeerichi ibsa isaan, Koomishinichi haala yeroo mirga namoomaa walitti bu’iinsa Itiyoophiyatti mudatan ilaalchisuun gabaasni baase itti gaafatama kan hanqatuu fi himannaan bu’uura hinqabne Mootummaa Itiyoophiyaa gaddisiiseera jedheera.

Gabaasni koomishinichaa adeemsa qorannoo sirrii kan hinhordofnee fi maddeen sirriirraa kan hinfudhatamne akkasumas haala yeroo qabatamaa Itiyoophiyaa fi haqa lafarra jiru kan hinibsinee ta’uu eereera.

Waraana kutaa Kaabaa biyyattiitti mudate dhaabuuf bara darbe waliigalteen Piriitooriyaa Afrikaa Kibbaatti mallatteeffamuu kan yaadachiise ministeerichi, kanaanis kutaa Kaabaa biyyattiitti sagaleen dhukaasaa akka hindhaga’amne taasifamuu kaasaniiru.

Mootummaan waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra akka oolu kutannoo qabaachuu akkasumaas iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan komiiwwan duraan turanii fi ammas jiran furuuf gara nageenyaatti dhufuuf gama koomiishinii marii biyyaalessaaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Akkasumas ce’umsa haqaa mirkaneessuuf boqonnaa xumuraarratti kan argamu ta’u, beeksiseera.

Kun utuu kanaan jiruu Koomishiniin Ogeeyyii Mirgootaa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa fashaala’eera jechuun yaadni dhiyeesse fudhatama kan hinqabne ta’uu hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.