Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gogaa fi kal’ee irraa galii argachuu qabdu argachaa hinjirtu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Sadarkaa Biyyaalessatti oomisha gogaa fi kal’ee waggaatti miiliyoona 41 ol oomishamu keessaa miiliyoonni 22 qofti tajaajilaaf akka ooluu Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allibal ibsan.

Ministeerichi sanada imaammata misooma gogaarratti qondaaltoota mootummaa, qooda fudhatoota fi oomishtoota damicharratti bobba’an waliin mari’ateera.

Obbo Malaakuun akka ibsanitti, waggoottan darban damee gogaan rakkoon baay’een kan itti kafamanii fi furmanni akka kennamuuf gaaffiin dhiyaachaa turuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenyaa horii ganfaa miiliyoona 165 ol kan qabdu yoo ta’u, galii argachuu qabdu argachaa akka hinjirre kasaaniiru.

Biyyattiitti waggaa waggaan oomishni gogaa fi kal’ee miiliyonni 44 kan oomishamu yoo ta’u, kanneen keessaa miiliyoona 22 qofti tajaajilaaf kan oolu ta’uu eeruu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.