Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan kurmaana 1ffaa xumurame keessa hojiilee Dippiloomaasii bu’aa qabeessa galmeessite – MDhA

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan kurmaana 1ffaa xumurame keessa hojiilee hariiroo waloo fi Dippiloomaasii hunda galeessa bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministeerichi raawwii kurmaana 1ffaa bara 2016 ilaalchisee ibsa kenneera.

Bara baajata kana kurmaana 1ffaa keessa hojiileen hariiroo waloo fi dippiloomaasii bu’aa qabeessi raawwatamuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem ibsaniiru.

Hojiileen faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Kaayyoon biyyattii olaanaan diina hir’isuun michuu baayy’isuu ta’uu kaasaniiru.

Hojiin hariiroo waloo fi Dippiloomaasii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo fi dhaabbilee Idil Addunyaa waliin hojjetame bu’aa hedduu argamsiisuu Ambaasaaddar Mallas kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.