Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti sirna siyaasaa haaraa fi seenessa waloo ijaaruuf qaamni hundi maree biyyaalessaa akka tumsu gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti sirna siyaasaa haaraa fi seenessa waloo ijaaruuf qaamni hundi maree biyyaalessaa akka tumsu Komishiniin Maree Biyyaalessaa gaafate.

Komishiniin Maree biyyaalessaa hawaasa Diyaaspooraa waliin mari’ateera.

Biyyattiin seenaa fi qabeenya osoo qabduu olaantummaa yaadaaf bitamuu dhabuun lammiilee biyyattii rakkoof saaxiluu marichaan ka’eera.

Mareen biyyaalessaa yeroo itti aanu gaggeeffamu dhugaa waloorraati waliigaluun rakkoolee jiran fufuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Marichi milkeessuuf lammiilee biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aariyaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.